Haala Qolleensaa Ganna

Baga gara marsariitii Deebii Haala Qilleensaa Ganna SDOT dhuftan akkamitti SDOTn obomboleettii qorraaf qophaa’uu fi Siyaatil nageenya isii eeguuf deebii akka kennitu baruuf.

Maddeen

BUUFADHAA | Kaardii Poostaa Haala Qilleensa Gannaa (Afaanota hedduudhaan ni argama)

Kaartaawwan Haala Qilleensaa Gannaa

Maddeen Gargaarsaa Dabalataa

Cinaa dandii miilaa qulqulleessaa

Yeroo obomboleettii cabbii roobe daandii miilaa mana ykn daldala kee fuuldura jiru qulqulleessi. Seeraa fi waan sirrii ta'ee namni hundi nagaadhaan akka imalu gochuun, keessattuu namoonni naanna'uuf rakkatan.

Siyaatil daandii miilaa maayilii 2,400 ol kan qabdu yoo ta’u, hojjattoonni keenna yeroo tokkotti bakka hunda ta’uu hin danda’an. Gahee keessan akka baatan isin irratti hirkanna, kanaaf daandiwwan miilaa gamoo dhuunfaatti dhihoo hin jirre qulqulleessuu fi daandiwwan magaalattii baay’ee murteessaa ta’an qulqulluu taasisuu irratti xiyyeeffachuu dandeenya.

  • Qophaa'aa — Obomboleettii dura kuusaa. Yoo xiqqaate guyyoota sadiif shoofoo/akaafaa cabbii, boorsaa soogidda daandii, uffata ho’aa, uffata qorraa halkanii dabalataa, ibsaa harkaa, meeshaa gargaarsa jalqabaa, fi dhiyeessii nyaataa/bishaan/qoricha qabaachuu.
  • Osoo Hin qabbanaa’in dura — Soogidda dhagaa (ykn oomisha naannoodhaaf mijatu kan biraa) daandii miilaa kee, daandii deemsaa fi raampii daandii irratti facaasuun akka cabbiin hin uumamneef
  • Ollaa kee Ilaali — Gargaarsa kee fayyadamuu akka danda’an yoo beekte ollaa kee waliin ilaali. Waliin hojjadhaatii karoora bilookii daandii miilaa, bishaan obomboleettii, fi raampii daandii qarqara keessan rooba cabbii/cabbii irraa qulqulluu ta’uu mirkaneessuuf baafadhaa.
  • Yeroo roobni cabbii bu’u— Daandii Miilaa Qulqulleessi — Roobni cabbii gara cabbiitti osoo hin jijjiiramne dura sa’aatii 12 keessatti daandii miilaa mana ykn daldala kee fuuldura jiru qulqulleessi.

Rooted in Rights waliin taanee viidiyoo uumuun barbaachisummaa daandii miilaa mana isaanii, daldala isaanii fi bakka hojii isaaniitti dhihoo jiran irraa rooba cabbii fi cabbii qulqulleessuu irratti namoota barsiisu. Odeeffannoon kun obomboleettii Gannaa booda namni hundi akka salphaatti fi nageenya qabu akka naanna'u taasisa!

Transportation

Greg Spotts, Director
Address: 700 5th Ave, Suite 3800, Seattle, WA, 98104
Mailing Address: PO Box 34996, Seattle, WA, 98124-4996
Phone: (206) 684-7623
684-Road@seattle.gov

Newsletter Updates

Subscribe

Sign up for the latest updates from Transportation

The Seattle Department of Transportation (SDOT) is on a mission to deliver a transportation system that provides safe and affordable access to places and opportunities for everyone as we work to achieve our vision of Seattle as a thriving, equitable community powered by dependable transportation.