Riqichi Dhiha Siyaatil

Ammaan tana maaltu ta'aa jira?

Español  |  繁體中文  |  한국어  |  Tiếng Việt  |  ភាសាខ្មែរ  |  Oromiffaaf Soomaali

Riqichi kalaattii aduu Lixaa Siyaatil banaadha

Riqichi kalaattii aduu Lixaa Siyaatil hojii cufamuu fi suphaa waggaa 2 1⁄2 booda Fulbaana 17 deebi’ee baname. Namoonni konkolaataa oofan fi otobusii fudhatan hundi riqicha irratti simatamu.  

Ittii dabalamee, daangaawwan riqicha Spokane Street Swing Bridge (riqicha gadi aanaa) irratti kaa’aman hundi xumuramanii /ka'anii/jru. Riqichi gadi aanuu amma hunduu yeroo barbaadetti akka itti fayyadamuuf banaadha.  

Nageenyi hojii keenya #1ffaadha 

Riqicha kalaattii aduu Lixaa Siyaatil deebifnee banuun dura qorannoo bal'aa xumurreerra. Qormaatawwan gaggeeffameen suphaa akkuma eegameetti raawwachaa jiraachuu fi riqichi kun konkolaattota kumaatamaan lakkaa'aman guyyaa guyyaan irra ce'uuf eegamu deeggaruuf cimaa ta'uu agarsiisee jira. Injiinarroonni fi ogeeyyiin riqicha keenyaa kaameraa, sensarootaa fi yeroo baayyee qaamaan sakatta’uu fayyadamuun riqicha kana itti dhiyeenyaan hordofuu itti fufanii jiru.   

Supha riqicha  

Suphaawan riqicha keebiloota sibiilaa gara maayilii 60 ta'u kan lafee dugdaa haaraa riqicha kanaa ta'e dabalata. Sirni keebilii kun suphaa biroo waliin ta’ee kan hojjatu yoo ta’u, kunis neetworkii kaarboonii faayibara jabaate iskuweer fuutii/miilla 100,000 ol ta’u kan dallaa riqicha keessaa fi alaatti marfame, fi haphee gaalonii 240 ol konkiriitii caccabee keessatti lilmoodhaan naqame dabalata.  

Suphaan kun xumuramee issa wajiin, riqichi kun kan duraan ture caalaa baayyee cimaa ta’ee waggoota kurnan dhufaniif kan turu ta’a. Blog keenya irratti fi viidiyoo armaan gadii keessatti bal'inaan baradhaa.

Mata duroota xinaa afaan keessaniifi viidiyoo sana irratti 'play button' jedhu cuqaasaa, sana booda mallattoo boca ilkaan mootoraa qabu kan viidiyoo jala jiru cuqaasuun qindaa'inoota sana argachuu dandeessu. Menuu xaaxee ba'u keessaa “Subtitles” cuqaasuun tarree keessaa afaan keessan filadhaa.

Akkamitti naanna'aa jirtu?

Bara 2020tti, cufamuu riqicha Dhiha Siyaatil booda namoonni Dhiha Siyaatil keessa jiraatan ykn hojjatan qormaata geejjibaa akka addaan baasan gaafanneerra. Galteen hawaasaa fooyya'iinsa nuti goone beeksiseera, amma immoo invastimantiiwwan kun akkamitti akka isin gargaaran hordofaa jirra.

Maaloo sarvey keenya gaafa September 30 guutaa!

Transportation

Greg Spotts, Director
Address: 700 5th Ave, Suite 3800, Seattle, WA, 98104
Mailing Address: PO Box 34996, Seattle, WA, 98124-4996
Phone: (206) 684-7623
684-Road@seattle.gov

Newsletter Updates

Subscribe

Sign up for the latest updates from Transportation

The Seattle Department of Transportation (SDOT) is on a mission to deliver a transportation system that provides safe and affordable access to places and opportunities for everyone as we work to achieve our vision of Seattle as a thriving, equitable community powered by dependable transportation.