Oromo / Oromoo

Filannoowwan Siyaatil irratti sagaleen keessan akka dhagaʼamu godhaa.

Voochariiwwann dimokraasii jiraattonni Siyaatil, filannoo magaalaa Siyaatil irratti kaadhimamtoota deeggaramaniif mala gumaacha maallaqaa itti raawwataniidha. Sagantichi adeemsa filannoo bu’uura murtee gibira qabeenyaa deeggarsi maallaqaan kan godhamu yoo ta’u, kunis jiddugalaan nama abbaa qabeebyaa kaffaltii waggaatti hanga $13 ni baasisa.

Voochariin Dimokraasii maalinni?
Magaalaan Siyaatil Voocharii Dimokraasii jiraattotaaf kan kennu yoo ta’u; kunis duula filannoo naannoo keessatti adeemsifamuuf waraqaalee ragaa gumaacha maallaqaa gochuuf tajaajiluudha. Bara 2026 keessa jiraattotni Siyaatil Aanaa 5 Voocharii dimokraasii kan doolaara $50 lama ni argatu.

Voocharii Dimokraasii maalif itti fayyadamu?
Hirmaannaan keessan jijjiirama ni fida. Sagantaan Voocharii Dimokraasii Deeggarsa mallaqaa duula na filadhaa kan godhu akkasumas lakkoofsaa fi baay’ina jiraattota Siyaatil filannoodhaaf dorgomanii dabaluuf gargaareera. 

Kaadhimamoowwan dorgomaa voocharii dimokiraasii fudhachuu kan danda’an kamiidha?
Duula keenanya bara 2026 deeggaruuf Voocharii fudhachuu kan danda’an, mana maree magaalaa Siyaatil iddoo sadarkaa 5ffaa argachuuf kaadhimamoota filannoo dorgoman qofadha.

Waa’ee kaadhimamoota filannoo akkamitti beekuu danda’a? 
Kaadhimamoota kaadhimamoota filannoo irratti dorgoman fuula Kaadhimamoota filannoo irratti argachuu dandeessu. Waa’ee kaadhimamoota bal’inaan beekuu yoo barbaaddan galmee seensa Kaadhimamoota filannoo isaanii dubbisaa.

Filannoon magaalaa Siyaatil itti aanu yoom geggeeffama?
Filannoon magaalaa Siyaatil itti aanu bara 2026 ni geggeeffama. Voochariiwwan dimokiraasii yeroo fudhatani irraa jalqabee hanga Sadaasa 30, bara 2026tti faayidaa irra ooluu ni danda’u.

Ulaagaaleen armaan gadii yoo guutaman Voochariiwwan dimokiraasii argachuu ni danda’u:

  • Jiraataa Siyaatil yoo ta’an,
  • Umuriin keessan yoo xiqqaate waggaa 18 yoo ta’e, fi
  • Lammii Yunaayitid Isteetis Ameerikaa fi jiraataa seeraan guutuu yoo ta’an.

Voochariiwwan dimokiraasii fudhachuuf filataa galmaa’anii ta’uu isinirraa hin eegamu. Ulaagaalee armaan olitti tarreeffaman yoo kan guutaman ta’e Voochariiwwan fudhachuuf galmaa’uu ni dandeessu.

Gaaffii kamiyyuu yoo qabaattan, maaloo gara (206) 727-8855 bilbilaa. Tajaajila hiikaa afaanii bilisaa argachuu ni dandeessu.