Oromo / Oromoo

Filannoowwan Siyaatil keessatti sagaleen keessan akka dhaga'amu taasisaa.

Vaawuchariin Dimokiraasii karaa jiraattonni Siyaatil kaadhimamaa filannoo Magaalaa Siyaatil keessatti deeggaraniif gumaacha maallaqaa ittiin taasisaniidha. Sagantaan kun gibira qabeenyaa filataadhaan mirkanaa’een kan deeggaramu yoo ta’u, giddu galeessaan abbaa qabeenyaa waggaatti gara doolaara 8 kan baasisuudha.

Vaawuchariin Dimookiraasii maali?
Magaalaan Siyaatil jiraattotaaf Vaawucharoota Dimookiraasii ni kenniti. Vaawucharoonni Dimokiraasii waraqaa ragaa tokkoon tokkoon isaanii doolaara 25 kan jiraattonni Siyaatil duula filannoo naannoo isaaniitti gaggeeffamuuf arjoomuuf itti fayyadamaniidha.

Vaawucharii Dimokiraasii maaliif fayyadamna?
Hirmaannaan keessan dhiibbaa qaba. Sagantaan Vaawucharii Dimokiraasii jiraattota Siyaatil duula filannoof arjooma gochuu fi aangoof dorgomuu danda’an baay’isuu fi heddummeessuuf gargaaree jira. 

Kaadhimamaa kamtu Vaawucharoota Dimookiraasii argachuu danda'a?
Duula isaanii deeggaruuf vaawucharii keessan argachuu kan danda’an kaadhimamaa hirmaatan kanneen Mana Maree Magaalaa, Abbaa Seeraa Magaalaa ykn Kantiibaa Siyaatil ta’uuf dorgoman qofa.

Waa'ee kaadhimamtootaa akkamittin hubadha? 
Fuula kaadhimamtootaa hirmaatan irratti dorgomaa hirmaataa barbaadaa. Waa’ee dorgomtootaa caalaatti baruuf Seensa Kaadhimamaa isaanii dubbisaa.

Filannoon Magaalaa Siyaatil itti aanu yoomi?
Filannoon Magaalaa Siyaatil itti aanu bara 2025 keessa ta’a. Vaawucharii Dimokiraasii yeroo fudhattan irraa kaasee hanga Adoolessa 29, 2025tti fayyadamuu ni dandeessu.

Vaawucharii Dimokiraasii argachuu kan dandeessan yoo ulaagaalee armaan gaddii guuttaniidha:

  • Jiraataa magaalaa Siyaatil,
  • Yoo xiqqaate umriin waggaa 18 fi
  • Lammii Ameerikaa, jiraataa biyya Ameerikaa, ykn jiraataa dhaabbataa seera qabeessa ta’e.

Vaawucharii Dimokiraasii argachuuf filataa galmaa’e ta’uun dirqama miti. Ulaagaalee armaan olitti tarreeffaman yoo guuttan, vaawucharii argachuuf iyyachuu dandeessu.

Gaaffii yoo qabaattan, maaloo (206) 727-8855 irratti bilbilaa. Tajaajilli afaan hiikuu bilisaan ni kennama. 

Meeshaalee kana buufachuu ykn maxxansuun hawaasa keessaniif qooduun ni danda’ama. 

Iyyannoo Vaawucharii Dimookiraasii

Birooshura Jiraattotaa

Barruu Jiraataa 

Barruu Kaadhimamaa

Poostara DVP

Unka Gaaffii Bakka Bu'iinsaa qabaachuudha